Afaan Oromoo: Kutaa 3 10 Sections25 Lessons365 Days
Test
Ofibsuu
Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 3
Bu’aalee barachuu boqonnaa kanaa
Xumura Barannoo kanaatti:
Jechoota Ijoo
Maqaa
Umrii
M. Barumsaa
Ganda
Nagaa
Kutaa
Barumsa Ijoo
Shaakala Ofibsuu
Ofibsuu jechuun namoota nuti hin beekneef waa’ee keenya (maqaa, umrii, kutaa barannuufi kkf) ibsuu jechuudha. Keessattuu yeroo mana barumsaa haaraa gallu dandeettiin kun baay’ee barbaachisaadha.
Fakkeenya Ofibsuu:
“Nagaa jirtuu? Maqaan koo Tolasaa jedhama. Ani ganda Bishooftuu irraan dhufe. Umriin koo waggaa Sagal (9). Kutaa 3ffaa mana barumsaa Odaa keessatti baradha. Isin arguun koo gammachuudha!”
Waan irratti xiyyeeffachuu qabnu:
- Ija namichaa keessa ilaaluu.
- Fuula ifaan (fuula gammachuun) dubbachuu.
- Nagaa gaafachuun jalqabuu.
Shaakala Dhaggeeffachuu
Sagalee kana dhaggeeffachuun gaaffilee armaan gadii deebisi.
Chuullee: Akkam bulte, maqaan koo Chuullee jedhama. Maqaan kee eenyu?
Kennaa: Akkam bulte, Maqaan koo Kennaa jedhama. Bakka jireenyaa kee natti himuu dandeessaa?
Chuullee: Ani Finfinnee, ganda Lidataa keessan jiraadha. Ati hoo?
Kennaa: Ani Adaamaa irraan dhufe. Waggaa sagal. Ati kutaa meeqa baratta?
Chuullee: Ani kutaa 3ffaa dha.
Shaakala Dubbachuu
Mallattoo maayikiroofoonii tuquun deebii kee waraabi.
Tapha Yaadannoo
Jechoota wal-fakkaatan walitti firoomsi!