Afaan Oromoo: Kutaa 6 8 Sections40 Lessons365 Days
1.1: Dhaggeeffachuufi Dubbachuu
Nagaa Walgaafachuufi Ofbeeksisuu
Afaan Oromoo Kutaa 6ffaa – Dubbachuufi Dhaggeeffachuu
Bu’aalee barachuu boqonnaa kanaa
Xumura Barannoo kanaatti:
Dandeettii dhaggeeffachuufi dubbachuu erga hubaatte haasaa dhiyeessuu nidandeessa;
Dandeettii dubbisuu gabbifachuun yaada ijoo adda nibaasta;
Galumsa jechootaa irraa hiika isaanii tilmaamuun, qabiyyee barreeffamichaa nixiinxaalta.
• Yeroo irratti hundaa’uun (ganama, guyyaafi galgala) sirna nagaa walgaafachuu adda nibaafatta.
Jechoota Ijoo
Yeroo Walargan
Yeroo namoonni lama ykn isaa ol walitti dhufaniifi nagaa walgaafatan.
Yeroo Addaan Bahan
Yeroo nagaa walitti dhaamanii gargar deeman.
Ganama
Yeroo lafti bari’u irraa kaasee hanga walakkaa guyyaatti.
Waaree Booda
Yeroo sa’aatii jahaa guyyaa boodaa.
Ofbeeksisuu
Maqaa ofii, eessaa akka dhufaniifi eenyummaa ofii ibsuu.
Maanguddoo
Nama umriin guddaa ta’eefi kabaja addaa qabu.
Seensa: Aadaa Nagaa Walgaafachuu
Barattoota kabajamoo,
Aadaa Oromoo keessatti nagaa walgaafachuun iddoo guddaa qaba. Nama beeknus ta’ee nama hin beekne yeroo walarginu nagaa walgaafachuu qabna. Nagaa walgaafachuun jaalala, kabajaafi tokkummaa mul’isa.
Namoota lama yeroo nagaa walgaafatan
Shaakala Haasawaa
Haasawaa barnoota kana keessatti kenname shaakali:
Taliilee: Haloo, Jiituu!
Jiituu: Haloo, Taliilee! Akkam bulte?
Taliilee: Nagaa kooti. Ati akkam bulte?
Jiituu: Obboleessi kee, Abdiin, nagaadhaa?
Taliilee: Nagaa isaati.
Jiituu: Nagaa koo itti naaf himi.
Taliilee: Tole. Atis maatii keetti nagaa koo itti naaf himi
Jiituu: Nagaan ooli.
Taliilee: Atis nagaan ooli.
Qajeelfama Shaakalaa:
Obseen waaree booda yommuu mana barnootaatii galtu barsiisaa Ifaa waliin nagaa walgaafatan. Hiriyaa kee waliin ta’uun, tokko akka barsiisaa tokko ammoo, akka Obsee ta’uun nagaa walgaafachuun gahee taphadhaa!
Shaakala Dhaggeeffachuu
Waraabbii sagalee armaan gadii dhaggeeffadhaa, sana booda gaaffilee deebisaa.
Caalaa: “Akkam bultan Obbo Tola?”
Obbo Tola: “Akkam bulte ilma koo? Fayyaa dha?”
Caalaa: “Waaqayyoof haa galatu, fayyaa dha. Maqaan koo Caalaa Gammachuu ti.”
Obbo Tola: “Baga nagaan dhufte Caalaa. Kutaa meeqa baratta?”
Caalaa: “Ani barataa kutaa afraffaa ti. Har’a Jimma irraa dhufe.”
Obbo Tola: “Baay’ee gaarii dha. Tole, daree kee seeni.”
Shaakala Dubbachuu
Filadhuutii Shaakali!
Haalota adda addaa keessatti nagaa gaafachuufi ofbeeksisuu shaakali. Sagalee kee waraabi (record) dhaggeeffadhu.
Haala Haasaa
Mata duree
Haalicha
…
Hojii Kee
…
Jechoota Gargaaran
Mallattoo maayikrofoonii tuquun dubbachuu jalqabi!
Deebii Sirrii
…
Akkamitti hojjette?
Shaakala Ofbeeksisuufi Marii
…
Qabxiilee kaasuu qabdu
Sa’aatii ittiin haasoftu
Hiika Jechootaa
Kaardii tuquun hiika isaa bari.
Jacha
Tuqi
Jacha
Hiika
Fkn: Fakkeenya
Tapha Nagaa Gaafachuu
Fakkii (Mallattoo) jecha Afaan Oromoo sirrii ta’e waliin walitti firoomsi.
Qormaata Walmakaa
Beekumsa kee gaaffilee adda addaatiin madaali.
Cuunfaa Barnootaa
Aadaa Oromoo keessatti nagaa walgaafachuun mallattoo jaalalaafi kabajaati.
Ganama yeroo walarginu “Akkam bultan?”, Waaree booda ammoo “Akkam ooltan?” jenna.
Maanguddoofi nama nu caaluuf kabaja addaa kennuun nagaa gaafanna.
Yeroo ofbeeksisnu maqaa keenyaafi eessaa akka dhufne ibsina.
Yeroo addaan baanu “Nagaatti”, “Nagaan oolaa” jechuun wal gaggeessina.
Gaaffilee Cuunfaa
Deebii sirrii filadhu ykn iddoo duwwaa guuti.
Qormaata Xumuraa
Dandeettii kee agarsiisi! Waraabbii dhaggeeffachuun gaaffilee deebisi.