Saayinsii Naannoo Kutaa 5 5 Sections35 Lessons365 Days
1.2. Argama Bir-qabaa fi Argama Sirrii Itoophiyaa
Argama Bir-qabaa fi Argama Sirrii Itoophiyaa
Saayinsii Naannoo Kutaa 5
Xumura barnoota mata duree kanaatti:
Argama bir-qabaa fi argama sirrii Itiyoophiyaa ni himta.
Kaartaa fayyadamuun argama bir-qabaa fi argama sirrii Itoophiyaa ni agarsiista.
Kaartaa fayyadamuun argama Itiyoophiyaa biyyoota olla wajjiin wal bira qabuun ni agarsiista.
Kallattiilee biyyoonnii ollaa Itoophiyaa ittiin dangeessan ni himta.
Jechoota Ijoo
Argama (Location)
Iddoo ykn bakka wanti tokko itti argamu jechuudha.
Argama Bir-qabaa
Bakka wanti tokko itti argamu wantoota naannoo sana jiran (fkn biyyoota ollaa) waliin wal-bira qabuun ibsuudha.
Argama Sirrii
Argama dhugaa kan sarara dagalee fi sarara gadee fayyadamuun ibsamuudha.
Kallattii (Direction)
Karaa wanti tokko itti garagaru ykn itti adeemu (Kaaba, Kibba, Baha, Dhiha).
Barnoota Bu’uuraa: Argama Itoophiyaa
Seensa
Barattoota jaallatamoo,
Maalummaa argama bir-qabaa fi argama sirrii kanaan dura barattanii jirtu. Maloota lamaan kanneenitti fayyadamuun argama Itoophiyaa sirriitti himuun ni danda’ama. Mee haala kanaan Itoophiyaan eessa akka argamtu haa ilaallu!
A Argama Bir-qabaa Itoophiyaa
Itoophiyaan argama bir-qabaatiin biyyoota ollaa ishee lakkoofsaan jaha ta’aniin marfamtee argamti. Isaanis: Keeniyaa, Sudaan Kibbaa, Sudaan, Eertiraa, Jibuutii fi Soomaaliyaa dha.
- Eertiraan – Kaabaa fi Kaaba bahaan
- Jibuutiin – Bahaan
- Somaaliyaan – Bahaa fi Kibba bahaan
- Keeniyaan – Kibban
- Sudaan Kibbaa – Kibba dhihaan
- Sudaan – Dhihaa fi Kaaba dhihaan
Yaadadhaa: Kunis Itoophiyaan Keeniyaa irraa gara kallattii kaabaatiin, Sudaan kibbaa irraa gara kaaba bahaatti… jechuun ibsuun ni danda’ama!
B Argama Sirrii Itoophiyaa
Itoophiyaan haala argama sirriin sarara dagalee (3^circ) kaaba (Mooyaalee) hanga (15^circ) kaaba (Baadimmee) akkasumas sarara gadee (33^circ) baha (Akooboo) hanga (48^circ) baha (Fiixee Ogaadeen) jidduutti argamtti.
Bakkeewwan fiixee Itoophiyaa:
- Baadimmee (Kallattii kaabaan) → Tigiraay
- Mooyaalee (Kallattii kibbaan) → Boorana, Oromiyaa
- Akooboo (Kallattii dhihaa) → Gambeellaa
- Fiixee Ogaadeen (Kallattii bahaan) → Sumaalee
Kaartaa Argama Itoophiyaa
Tapha Barnootaa: Daangaa Eenyuu?
Gaaffilee deebisuun fakkii dhokate barbaadi! Saanduqa tokko tuqi.
Question?
Gilgaala 1: Filannoo
Deebii sirrii ta’e filadhu. Gaaffilee shananuu hojjedhu.
Akkaataa itti taphatamu: Biyya tokko filachuuf cuqaasi (Tap), sana booda kallattii sirrii isaa irratti cuqaasuun ka’i. Yookiin harkisiitii gadi lakkisi!
Biyyoota Ollaa
Kaaba / Kaaba Bahaa
Kibba
Baha
Dhiha / Kaaba Dhihaa
Kibba Dhihaa
Gilgaala 3: Gaaffilee Wal-makaa
Gaaffilee adda addaa sirriitti dubbisiitii deebisi.
Cuunfaa Barnootaa
Argamni bir-qabaan Itoophiyaa biyyoota ollaa jahaan (Eertiraa, Jibuutii, Somaaliyaa, Keeniyaa, Sudaan Kibbaa fi Sudaan) marfamtee argamuushee ibsa.
Argamni sirriin Itoophiyaa sarara dagalee (3^circ) hanga (15^circ) kaabaa fi sarara gadee (33^circ) hanga (48^circ) bahaa gidduutti ta’uusaa argisiisa.
Fiixeewwan afran Itoophiyaa: Baadimmee (Kaaba), Mooyaalee (Kibba), Akooboo (Dhiha), fi Ogaadeen (Baha) dha.
Madaallii Xumuraa
Waan baratte hagam akka yaadattu of madaali!
Baga Gammaddan!
Madaallii xumurtee jirta. Qabxiin kee: /5
Checklistii Gahumsaa
Barnoota kana xumuruun kee dura, ulaagaalee armaan gadii guutuu kee mirkaneeffadhu: