Saayinsii Naannoo Kutaa 5 5 Sections35 Lessons365 Days
2.1 Kutaalee Gurguddoo Sirna Bullaa’insa Nyaataa
Kutaalee Gurguddoo Sirna Bullaa’insa Nyaataa
Saayinsii Naannoo Kutaa 5ffaa
Xumura Barnootaa
Xumura barnoota mata duree kanaatti:
Bullaa’insi nyaataa maal akka ta’ee ni ibsita.
Ujummoolee bullaa’insa soorataa ni tarreessita.
Dalagaa kutaalee gurguddoo sirna bullaa’insa nyaataa ni himta.
Barbaachisummaa fi faayidaa sirna bullaa’insa nyaataa ni ibsita.
Gocha 2.1: Marii
Gaaffilee armaan gadii irratti hiriyyaa kee wajjin ykn ofii kee yaadii deebisi:
- Bullaa’insa nyaataa jechuun maal jechuudha?
- Caasaaleen (kutaaleen) ujummoolee nyaanni keessa daddarbu jalqabaa hanga xumuraatti maal fa’i?
- Dalagaa gurguddoon sirna bullaa’insa nyaataa maalii?
Jechoota Ijoo
Bullaa’insa Nyaataa
Adeemsa nyaanni gurguddaan gara kutaalee xixiqqootti itti caccabuu fi qaamaaf mijaawaa ta’u.
Ujummoo Soorataa
Daandii dheeraa nyaanni afaan irraa jalqabee hanga munneetti keessa darbu.
Garaacha
Qaama afuuffee fakkaatu kan nyaanni yeroof keessatti kuufamuu fi baqqu (bulu).
Mar’umaan Qallaa
Bakka bullaa’insi nyaataa itti xumuramee fi sooranni faayidaa qabu dhiigatti itti xuuxamu.
Mar’umaan Furdaa
Kutaa bishaanii fi albuuda xuuxu, akkasumas kosiin itti kuufamu.
Inzaayimoota
Dhangala’aa qaama keessaa burqu kan bullaa’insa nyaataa ariifachiisu (saffisiisu).
Barnoota Ijoo
Seensa
Barattoota kabajamoo,
Mee ganama buddeena shiroon ykn genfo nyaattanii gara mana barumsaa dhuftan haa jennu. Nyaanni isin nyaattan sun akkuma jirutti qaama keessan keessa hin turu. Qaamni keessan anniisaa akka argatuuf, nyaanni gurguddaan sun gara wantoota xixiqqootti caccabuu qaba. Adeemsi kun bullaa’insa nyaataa jedhama.
Daandii Soorataa (Digestive Tract)
Nyaanni qaama keenya keessatti daandii dheeraa hordofa. Daandiin kun afaan irraa eegalee hanga munneetti kan itti fufu yoo ta’u, ujummoo soorataa jedhama.
Kutaalee Gurguddoo fi Dalagaa Isaanii
1. Afaan (Mouth)
Iddoo bullaa’insi nyaataa itti eegalu dha. Ilkaan nyaata ciniinuu fi alalchuu (caccabsuu) dhaan gargaara. Hancufni nyaata jiisuun akka salphaan liqimfamu taasisa.
2. Ujummoo Nyaataa (Esophagus)
Ujummoo maashaalee irraa hojjetame yoo ta’u, nyaata afaan keessatti caccabe dabarsuun gara garaachaatti geessa.
3. Garaacha (Stomach)
Qaama dacha’aa afuuffee fakkaatu dha. Nyaanni as keessatti kuufamee, asiidii fi inzaayimoota waliin makamuun akka dhangala’aa furdaatti bullaa’a.
4. Mar’umaan Qallaa (Small Intestine)
Kutaa baay’ee dheeraa dha. As keessatti bullaa’insi nyaataa ni xumurama. Wantootni qaamaaf mijaawaa ta’an (sooranni) gara dhiigatti xuuxamu.
5. Mar’umaan Furdaa (Large Intestine)
Nyaata hin bullaa’in keessaa bishaan xuuxuun gara dhiigatti dabarsa. Wanti hafe akka kosiitti (bobbaa) walitti qabama.
Fakkii Sirna Bullaa’insa Nyaataa
Tapha: Daandii Soorataa Qopheessi
Akkaataa itti taphatamu: Sanduuqa asii gadii keessaa maqaa kutaalee qaamaa tuqi (Tap), sana booda iddoo duwwaa sirrii ta’e irratti tuquun tartiiba sirriin kaa’i (Afaan irraa eegalee).
Kutaalee Qaamaa (Tuqi filachuuf)
Gocha 1ffaa: Filannoo (MCQ)
Gocha 2ffaa: Firoomsi (Matching)
Maqaa kutaa qaamaa tuqi, sana booda dalagaa isaa sirrii ta’e irratti tuquun firoomsi.
Kutaalee Qaamaa
Dalagaa (Tuqee Kaa’i)
Gocha 3ffaa: Dhugaa ykn Soba
Cuunfaa Barnootichaa
Bullaa’insi Nyaataa: adeemsa nyaanni gara wantoota xixiqqootti itti caccabuu fi dhigatti xuuxamuuf mijaawaa ta’u dha.
Daandiin soorataa (Afaan, Ujummoo nyaataa, Garaacha, Mar’umaan qallaa, Mar’umaan furdaa) kutaalee gurguddoo kana keessatti hirmaatanidha.
Kutaaleen kunniin hundi wal-ta’uun nyaata nuti nyaannu irraa anniisaa akka argannu nu gargaaru. Kanaafuu, soorata madaalawaa nyaachuu fi qulqullina eeguun fayyaa sirna kanaaf baay’ee murteessaadha.
Madaallii Xumuraa
Madaallii Ofii (Self-Assessment)
Barnoota kana erga xumurtee booda, wantoota armaan gadii gochuu danda’uu kee saanduqa keessatti mallattoo (✔) gochuun of madaali.