Saayinsii: Kutaa 6ffaa 5 Sections31 Lessons365 Days
2.2. Jijjiirama Yeroo Dargaggummaa
Jijjiirama Yeroo Dargaggummaa
Saayinsii Naannoo Kutaa 6
Xumura Barnoota Kanaatti:
Dhuma barnoota mata-duree kanaatti wantoota armaan gadii ni goota:
Jijjiirama yeroo dargaggummaa qaama dhiiraafi dubaraa irratti dhufu ni tarreessita.
Dhiibbaa jijjiiramni yeroo dargaggummaa qabu ni ibsita.
Jechaafi Yaadrimee Ijoowwan
Dargaggummaa
Yeroo ceumsaa ijoollummaa irraa gara ga’eessummaatti ta’uufi jijjiiramoonni qaamaa, sammuufi hawaasummaa itti mul’atan dha.
Amaloota Saala Duraa
Amaloota uumamaa yeroo dhalootaa dhiiraafi dubartii addaan baasuu dandeessisan, kan akka qaama wal hormaataa.
Amaloota Saala Lammeessoo
Amaloota yeroo dargaggummaa jalqaban kan qaama dhiiraafi dubaraa caalaatti addaan baasan, kan akka sagalee furdachuufi hanqaaquu oomishuu.
Hormoonota
Keemikaalota qaama keessatti oomishamanii adeemsa guddinaafi jijjiirama qaamaa to’atan dha.
Daawwannaa Viidiyoo
Core Lesson: Jijjiirama Yeroo Dargaggummaa
Seensa (Introduction)
Barattoota jaallatamoo,
Mee yeroo kutaa 1ffaa turtan yaadadhaa. Qaamni keessan yeroo sana tureefi har’aa tokkoo? Lakki, sirrii dha! Qaamni keessan guddinaafi jijjiirama keessa darbaa jira. Jijjiiramni kun immoo uumamaafi hunda keenya mudata.
Mee Mari’adhaa:
Amaloota saala duraa kan jedhaman maal fa’i? Amaloota saala lammeessoo ykn jijjiirama baayoloojikaalawaa dhiiraafi dubartootaa yeroo dargaggummaa dhufan maal fa’i?
Amaloota Saala Duraa
Dhalli namaa yommuu dhalatu saala murtaa’aa qabatee dhalata. Dhiirri tuffee (qunxurroo), cidhaan, fi qola cidhaanii qabatee dhalata. Dubartiin immoo buqushaa, oovaariifi gadameessa qabattee dhalatti. Erga dhalatanii kaasee amala kana irratti hundaa’uun dhiiraafi dubartoota jedhamanii addaan ba’u.
Jijjiramni yeroo dargaggummaa sababa maaliin dhufa?
Wal-hormaata gaggeessuun kan danda’amu amaloonni saala lammeessoon yoo qophaa’an qofa dha. Amaloonni kunniin dhiira irratti umrii waggaa 10−15 gidduuttidha kan mul’atan. Dubara irratti immoo waggaa 10−13 gidduutti mul’atu. Jijjiiramni kun sababa hormoonota saalaatiin dhufa.
Jijjiirama Dhiiraa
- Qomaafi gateettiin bal’achuu
- Areeda biqilchuu
- Rifeensa naannoo qaama saalaafi bobaa jalatti biqilchuu
- Guddachuu qaama wal qunnamtii saalaa
- Oomishamuu sanyii kormaa
- Furdachuu sagalee
Jijjiirama Dubaraa
- Mo’oofi luqqeettuun bal’achuu
- Rifeensa naannoo qaama saalaafi bobaa jalatti biqilchuu
- Guddachuu qaama wal qunnamtii saalaa
- Oomishamuu hanqaaquu
- Fedhii qunnamtii saalaa horachuu
Fakkii Hubannoo
Tapha: Ramaddii Jijjiiramaa
Tap-to-PlaceAkkaataa itti taphatan: Jalqaba amala tokko cuqaasi (tuqi), sana booda iddoo sirrii ta’e (Dhiira ykn Dubara) cuqaasuun ramadi.
Amaloota Filadhu
Dhiira Qofa
Dubara Qofa
Gocha 1: Filannoo (MCQ)
Gocha 2: Walitti Firoomsi
Yaadrimee sirrii ta’e ibsa isaa wajjin walitti firoomsi (Jalqaba jecha tuqi, sana booda iddoo duwwaa tuqi).
Gocha 3: Dhugaa ykn Soba
Cuunfaa Barnootaa
Amaloonni Saala Duraa kan uumamaa yoo ta’an, dhalootaan kan beekamanidha (Fkn: Cidhaan, Gadameessa).
Amaloonni Saala Lammeessoo yeroo dargaggummaa kan dhufaniifi hormoonotaan kan to’atamanidha.
Jijjiiramni dhiiraa (umrii 10-15) sagalee furdachuu, sanyii kormaa oomishuu, fi areeda biqilchuu of keessatti qabata.
Jijjiiramni dubaraa (umrii 10-13) mo’oofi luqqeettuun bal’achuu, fi hanqaaquu oomishuu qabata.
Madaallii Xumuraa
Mirkaneessa Dandeettii (Checklist)
Barnoota kana erga xumurtee booda, dandeettiiwwan armaan gadii gonfachuu kee of madaali: