Saayinsii: Kutaa 6ffaa 5 Sections31 Lessons365 Days
3.3. Gosoota Gurguddoo Biyyee Afrikaa Bahaa
Gosoota Gurguddoo Biyyee Afrikaa Bahaa
Saayinsii Naannoo Kutaa 6
Xumura Barnootaa Kanaatti:
Gosoota gurguddoo biyyee Afrikaa bahaa ni tarreessita.
Amala tokkoon tokkoo gosoota biyyee ni himta.
Sababoota dhiqama biyyee Afrikaa bahaa ni tarreessita.
Jechoota Ijoo
Biyyee (Soil)
Gubbee lafaa irra keessaa kan biqiloonni irratti biqilaniifi qonnaaf ooludha.
Dhiqama Biyyee (Erosion)
Biyyeen irra keessaa haalota uumamaafi gocha namaatiin bakka tokkoo gara bakka biraatti fudhatamuu.
Ciramuu Bosonaa
Mukkeenifi bosona naannoo jiran mancaasuu ykn muruu, kan biyyee dhiqamaaf saaxilu.
Teessuma Lafaa
Olka’iinsaafi gadi bu’iinsa uumama lafaa naannoo tokkoo (Fkn: Gaarreen, Sulula).
Daawwannaa Viidiyoo
Daawwannaa gabaabaa: Haala teessuma lafaafi biyyee Afrikaa Bahaa.
Qabiyyee Barnootaa: Gosoota Biyyee
Barattoota jaalatamo,
Mee yaadaa, lafti keenya kun biyyee osoo hin qabaannee oomisha midhaanii akkamitti arganna turre? Biqiloonni eessa dhaabbatu? Biyyeen qabeenya uumamaa isa guddaadha. Gosoota biyyee jechuun qoqqoodama biyyee jechuu yommuu ta’u, akka Afrikaa bahaatti gosoonni biyyee gurguddoon argaman kanneen armaan gadiiti:
1. Niitoosolsii
Biyyee bal’inaan qonnaaf fayyadudha. Biyyeen kun gosoota midhaan adda addaa oomishuuf baay’ee gargaara.
2. Akriisolsii
Sababa dhiqama biyyeen yeroo dheeraatiif irra ga’een, biyyee asiidaawaa ta’edha.
3. Veertiisolsii
Biyyeen kun biyyee gabbataa yoo ta’e illee amala biyyee suphee waan qabuuf akka salphaatti qotuuf rakkisaadha. Kanaafuu irra caalaa lafa dheedichaa qofa ta’ee tajaajila.
4. Zeroosolsii, Soloneetizii, Solonchakiifi Yermoosolsii
- Biyyee iddoo gamoojjiitti argamuufi kallattiin qonnaaf hin oolledha.
- Baay’inaan dheedichaaf kan oolaniidha.
- Biyyeen soloneetizii haalli bishaan osoo hin kuufamin keessa itti yaa’u yoo mijaa’eef, waqtii roobaatti ruuzii oomishuuf tajaajiluu danda’a.
Sababa Dhiqama Biyyee Afrikaa Bahaa
Afrikaa bahaa keessatti wantoonni dhiqama biyyeef sababa ta’an bakka gurguddaa lamatti qoodamu. Isaanis: Kan uumamaafi gocha namaati.
A. Gocha Namaa
- Baay’achuu Ummataafi Ciramuu Bosonaa: Ummanni yeroo baay’atu lafa qonnaa babal’isuuf, ijaarsaaf, meeshaalee manaafi karaa baasuuf bosona cira. Lafti qullaa yeroo hafu dhiqamaaf saaxilama.
- Bakka Tokko Deddeebisanii Qotuu: Gabbinni biyyee akka dhumaa deemu taasisa.
- Lafa Tokko Deddeebisanii Dheechisuu: Horii baay’ee yeroo dheeraaf lafa tokkorratti bobbaasuun marga fixee biyyee qullaatti hambisa.
- Irraan Gadee Qotuufi Bo’oo Baasuu: Lolaan salphaatti biyyee akka haree deemu godha.
B. Sababa Uumamaa
- Teessuma Lafaa: Naannoo lafa olka’aatti waqtiilee Gannaafi Arfaasaatti roobni yeroo roobu lolaa guddaa uuma. Kun dhiqama ni ariifachiisa.
- Bubbee: Humni kun gammoojjiitti beekamudha. Biyyee bakka tokkoo haree fuudhuun bakka biraatti kuusa.
- Cabbii Sigigaatu: Naannoo gaarreen cabbiitiin uffifamanitti dhiqama fida.
Akkaataa itti taphatamu: Sababa armaan gadii tuquun (Tap), saanduqa ‘Gocha Namaa’ ykn ‘Uumama’ jedhu keessa kaa’i.
Sababoota
Gocha Namaa
Sababa Uumamaa
Filannoo
Amala Biyyee Wal-qabsiisi
Gaaffii dhiyaateef, gosa biyyee sirrii ta’e filadhu.
Dhugaa ykn Soba
Hima dhiyaate dubbisuun dhugaa ykn soba ta’uu filadhu.
Cuunfaa Barnootaa
Gosoonni Biyyee Afrikaa Bahaa gurguddoon: Niitoosolsii, Akriisolsii, Veertiisolsii fi Zeroosolsiifa’a.
Niitoosolsiin qonnaaf gaarii yoo ta’u, Veertiisolsiin amala suphee qaba, Akriisolsiin asiidaawaadha.
Dhiqamni Biyyee sababa uumamaa (teessuma lafaa, bubbee, cabbii) fi gocha namaatiin (bosona ciruu, irra deddeebisanii qotuu) mudata.
Biyyee eeguun oomishaa fi jireenya dhala namaatiif baay’ee murteessaadha.
Madaallii Xumuraa (Gilgaala 3.2)
Gaaffilee armaan gadiif deebii sirrii ta’e filadhu.
Mirkaneeffannaa Dandeettii
Barnoota kana erga xumurtee booda, dandeettiiwwan armaan gadii horachuu kee of madaali: