Saayinsii: Kutaa 6ffaa 5 Sections31 Lessons365 Days
2.7. Maashinoota Sasalphoo
Maashinoota Sasalphoo
Saayinsii Naannoo Kutaa 6
Xumura Barnoota Kanaatti:
Barattoonni, erga barnoota kana xumurtanii booda wantoota armaan gadii gochuu ni dandeessu:
Gosoota maashinoota sasalphoo ni tarreessitu.
Faayidaa maashinoota sasalphoo adda addaa ni ibsitu.
Fakkeenya maashinoota sasalphoo naannoo keessanitti fayyadamtan ni himtu.
Jechoota Ijoo
Maashinii Salphaa
Meeshaa dalagaa ykn hojii nuti hojjennu karaa salphaa ta’een akka hojjennu nu gargaarudha.
Humna Sochooftuu
Humna nuti maashinicha irraatti fayyadamnu ykn humna alaa kennamudha.
Ba’aa (Load)
Ulfaatina ykn wanta maashinichaan sochoofnu ykn kaafnudha.
Saffisa Baay’isuu
Fageenya humna sochooftuun deemu gabaabsuun, hojii tokko saffisaan akka hojjennu gochuu.
Barnoota Bu’uuraa: Maashinoota Sasalphoo
Seensa
Barattoota koo,
Mee dhagaa guddaa tokko harka qullaa kaasuuf yaalaa! Baay’ee ulfaata, mitii? Garuu ulee jabaa tokko fayyadamnee dhagicha jala galchuun yoo dhiibne salphaatti sochoosuu dandeenya. Uleen kun akka maashinii salphaatti tajaajile jechuudha.
Maashinoota sasalphoo jechuun karaalee ykn meeshaalee dalagaa nuti dalagnu tokko salphisuuf nu gargaaranidha. Kanaafuu jireenya dhala namaatiif baay’ee murteessoodha.
Faayidaa Maashinoota Sasalphoo
Maashinoonni sasalphoon faayidaa gurguddaa qabu. Isaanis:
1. Humna Baay’isuu
Humna xiqqaatti fayyadamnee ba’aa guddaa akka sochoosnu nu gargaara. Fakkeenyaaf: Bal’iinsa habalakaa (daandii gaara irra marsee ba’u) fayyadamuun wanta ulfaataa ol baasuu.
2. Saffisa Baay’isuu
Hojii tokko yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf gargaara. Fakkeenyaaf: Biskileetii oofuu ykn haaqqaan waraqaa haquu.
Qalbeeffadhu!
Maashiniin salphaan hojii hamma nuti hojjennu (Work) hin dabalu. Inni humna xiqqeessa ykn kallattii jijjiira malee, hojiin waliigalaa hojjetamu walqixa. ( Hojii = Humna times Fageenya )
Fakkeenya Naannoo Keenyaa
Fonqolcha (Lever)
Akaafaa dachee ittiin qotuu ykn muka furdaa buqqisuuf.
Bal’iinsa Habalakaa
Daandii Tulluu Inxixxootti ol ba’u akka salphaatti makiinaan ba’uuf.
Gidgidoo (Pulley)
Baadiyyaatti bishaan boolla gadi fagoo irraa waciitiin harkisuuf.
Tapha: Meeshaa fi Gosa Isaa Qoodi!
Akkaataa itti taphatamu: Jalqaba meeshaa tokko tuqi (cuqaasi), itti aansuun saanduqa gosa maashinii inni jalatti ramadamu tuqi!
Meeshaalee
Fonqolcha (Lever)
Bal’iinsa Habalakaa
Shaakala 1: Filannoo (MCQ)
Shaakala 2: Firoomsi (Match)
Gaaffii dhiyaateef jecha sirrii ta’e armaan gadii tuquun, saanduqa duwwaa keessa kaa’i.
Shaakala 3: Dhugaa ykn Soba
Cuunfaa Barnootichaa
Maashinii salphaa jechuun meeshaa hojii namaa salphisuuf ooludha.
Faayidaan isaanii inni guddaan humna baay’isuu (humna xiqqaan ba’aa guddaa kaasuu) fi saffisa baay’isuu (fageenya dabaluun yeroo qusachuu) dha.
Fakkeenyonni maashinoota sasalphoo: Fonqolcha (fkn akaafaa), Bal’iinsa habalakaa (fkn daandii gaaraa), Gidgidoo (fkn bishaan waraabuu), fi kanneen birooti.
Madaallii Xumuraa
Mirkaneessa (Checklist)
Barnoota kana xumuruu kee mirkaneeffachuuf sanduuqa armaan gadii filadhu: